Walloon Lafa fakkeenya jaalalaa fi obbolummaati-Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Walloon Lafa fakkeenya jaalalaa fi obbolummaati-Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Eebila 7/2018(ENA) : Walloon lafa fakkeenya jaalalaa fi obbolummaati jedhan itti aanan ministira muummee obbo Tamsgeen Xurunaa.
Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa hojiif Walloo dhaqaniiru.
Arjummaan kee kan hin dhumne; gara laafummaa hin quufamne; simannaa ho’aa nuuf taasifameef hedduu na gammachiiseera jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Buufata Xiyyaaraa Walloo Kombolchaa wayita geenyu arhiibuu jechuun simannaa ho’aa nuuf taasifameef, bulchaa olaanaa Mootummaa Naannoo Amaaraa, hoggantoota naannoo, abbootii amantaa, jaarsolii fi ummata Walloof galata guddaan galcha jedhaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #ENA