Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabbiif qophaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabbiif qophaa’aniiru
Eebila 07/2018 (ENA): Bulchiinsa Diree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan Fuduraa fi Bosonaa qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa naannichaa beeksise.
Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban dhaabbatan Omishtummaa Qonnaa guddisuun hawaasa baadiyaa gargaaramuurraa gara omishtummaatti ceesisaa jiraachuun himameera.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo,Bosonaa fi Qilleensaatti Daarektarri Misoomaa fi Eegumsa Bosonaa obbo Maasrashaa Yimar ENA’f akka ibsanitti, sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf bulchiinsichatti buufataalee biqiltuu 20 ol ta’anitti biqiltuuwwan adda addaa qulqullinaan qophaa’aa jiru jedhani.
Biiroo Qonnaa, Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii waliin qindoomuun biqiltuuwwan muduraa, bosonaa fi miidhaginaa biqilchuun dhaabbiif qophaa’aa jiraachuu obbo Maasrashaan ibsaniiru.
Biqiltuuwwan Ganna bara kanaa dhaabbatan keessaa dhibbentaa 60 kan ta’an biqiltuuwwan garaa garaa haala ikkooloojii fi qilleensaa Dirree Dhawaa waliin kan wal simatan ta’uusaanii dubbataniiru.
Bulchiinsichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darban dhaabbatan keessaa dhibbeentaan 80 ol qabachuun, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf haala mijataa uumuurra darbee sagantaa Maaddii Guutuu bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.
Abbaa Taayitichatti dursaan garee Misooma Bosonaa obbo Maammush Zoodee gamasaaniin, duula Ashaaraa magariisaa waggoottan torban darbaniin biqiltuuwan dhaabaman gammoojjummaa Dirree Dhawaa jijjiiruun lolaaf saaxilamuu magaalittii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru.
Keessumaa gandoota baadiyaatti biqiltuuwwan kanneen akka Loomii, Paappaayyaa, Burtukaanaa fi kanneen biroon dhaabaman galii qonnaan bulaa dabaluunii fi carraa hojii dargaggootaa uumuun bu’aa qabatamaa argamsiisaniiru jedhaniiru.