Tamsaasa Kallatti:

Haaromsi dinagdichaa beekumsa mandhaleefi abbummaa ofiin kan hoogganamudha – Dr. Iyyoob Takkaallinyi

Eebila 7/2018 (ENA) : Riifoormiin diinagdee Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiru beekumsa mandhalee fi abbummaa ofiin kan hoogganamu ta’uu bulchaan baankii biyyaalessa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi himani.

Walgahiin waktii Birraa Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Waashingitan DCtti gaggeeffamaa jira.


 

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waltajjii ijaarsa dandeettii misoomaa walga’icha cinaatti qophaa’erratti hirmaataniiru.

Waltajjicharratti Dr. Iyyoob Takkaallinyi ajandaa riifoormii damee faayinaansii waliigalaa Itiyoophiyaa qondaaltota olaanoo dhaabbilee idil-addunyaatiif ibsaniiru.

Walgahii kanarratti hoggantoonni olaanoo Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa, Baankii Addunyaa, fi Komishiniin Awurooppaa argamaniiru.

Bulchaan kun mata duree “Yeroo Qormaataa Keessatti Gabaa, Dhaabbilee fi Tasgabbii Ijaaruu” jedhuun, jijjiirama caasaa sirna faayinaansii ajandaa haaromsa dinagdee mandhalee jalatti taasifamu ibsaniiru.

Damee kana ammayyeessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran hirmaattotaaf ibsaniiru.

Bulchaan kun Itiyoophiyaan gara bu’uura imaammata maallaqaa dhala irratti hundaa’etti ce’uu fi sirna sharafa alaa gabaa irratti hundaa’e hojiirra oolchuu ibsaniiru.

Akkasumas, bu’uurri danbii Labsii Baankii Biyyaalessaa haaraa fi seerota baankii ammayyaatiin deeggaramee caasaa faayinaansii biyyattii jijjiiraa akka jiru hubachiisaniiru.

Gargaarsi teeknikaa qaamolee adda addaa irraa argamu kamiyyuu fedhii biyyattii irratti hundaa’ee fi aantummaa misoomaa waliin kan walsimu ta’uu malee dhiibbaa alaatiin kan oofamu ta’uu akka hin qabne dubbataniiru.

Bulchaan Baankichaa hojiiwwan gara fuula duraa yoo ibsan, gabaa faayinaansii biyya keessaa daran guddisuu fi damicha invastimantii biyya alaatiif banuun ajandaawwan haaromsaa marsaa itti aanutti dursa kennaniif ta’uu akeekaniiru.

Kana galmaan ga’uuf ijaarsi dandeettii dhaabbilee itti fufiinsa qabu, itti fufiinsa imaammataa fi sirna faayinaansii cimaa dinagdee damee dhuunfaan durfamu deeggaru danda’u ijaaruun barbaachisaa ta’uu Ministeerri Maallaqaa ibsa ENA’f ergeen beeksiseera.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015