Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan naannichaa karoora ifa ta'e kaa'uudhaan pirojektoota misoomaa jireenya ummataa jijjiiru hojiirra oolchaa jira – Pireesidaanti Shimallis Abdiisaa

Eebila 7/2018 (ENA): Mootummaan naannoo Oromiyaa karoora ifa ta’e kaa’uudhaan pirojektoota misoomaa jireenya ummataa jijjiiru hojiirra oolchaa jira jedhan pireesidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa.

Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana sadaffaa mootummaa fi paartii naannoo Oromiyaa magaalaa Bishooftuutti eegalameera.

Waltajjii gamaaggama kanarratti obbo Shimallis Abdiisaan, Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni olaanoo naannichaa biroo argamaniiru.

Kanuma waliin waggoota dhiyoo asitti mootummaan naannichaa karoora ifa ta’e kaa’uudhaan pirojektoota misoomaa jireenya ummataa jijjiiran hojiirra oolchaa akka jiru Pireesidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsani.

Keessattuu pirojektoonni misoomaa damee hundaan bifa jalqabbiitiin hojiirra oolan, naannichatti jijjiiramni bu’uuraa akka galmaa’u kan dandeessisan ta’uu hubachiisaniiru.

Gamaaggamni kurmaana sadaffaa kun haala naannichi kaayyoo fi ergama isaa galmaan gahuu irratti milkeessuun kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.

Hoggansi karoora naannoo sirriitti hojiirra oolchuun, ummata keenya sadarkaa fooyya’aa ta’etti ceesisuu akka qabu dhaamaniiru.

Waltajjicharratti gabaasni raawwii hojii mootummaa fi paartii ji’oota sagal darbanii kan ciminnii fi hanqinaaleen jiran adda baafamanii kan dhiyaatan yoo ta’u, kallattiin hojii gara fuula duraa ni kaa’ama jedhameera.

Kana malees ka’umsi karoora bara 2019 kan dhiyaatu yoo ta'u, gamaaggama kanarratti hoggantoonni Godinaa, magaalaa fi aanaa hirmaataa jiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015