Hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti guddisuu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti guddisuu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru
Eebila 6/2018 (ENA): Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa akka ibsetti, hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan bifa ciminaan hojjetamaa jiru jedhe.
Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Bahaa fi Kibba Afrikaa (COMESA) walqixxummaa koorniyaa fi faayidaa dubartootaa irratti xiyyeeffate jalqabame.
Ministeer De’eetaan Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hikmaa Keyiraddiin akka himanitti, Itiyoophiyaan yeroo ammaa fayyadamummaa diinagdee dubartoota baadiyyaa fi magaalaa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jirti jedhani.
Faayidaa dinagdee dubartootaa mirkaneessuuf tarsiimoon qophaa’ee hojiirra ooluu isaa, kunis qonna, industirii, carraa hojii uumuu fi dameewwan biroo irratti fayyadamoo akka ta’an kan dandeessise ta’uu hubachiisaniiru.
Dubartoonni Afrikaa sirna daldalaa keessatti wal qixa akka hirmaataniifi fayyadamoo ta’an waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Biyyoonni miseensa “COMESA” qormaata dubartoonni daldala keessatti akka hin hirmaanne gufachiisan furuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi bu’a qabeessa akka ta’an dandeessisuu qabu jedhan.
Mariin har’as gama kanaan akka ta’e dubbataniiru.
Mariin kun bu’uura seeraa fayyadamummaa dubartoota Afrikaa sirna daldalaa keessatti guddisu hojiitti jijjiiruuf carraa kan uume ta’uu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan walqixxummaa koorniyaa fi gahumsa dubartootaaf kutannoo hooggansaa taasifteef, Gargaaraa barreessaa olaanaa gabaa waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) Ambaasaaddar Mahmad Kadaa galateeffataniiru.
Dubartoota akka ardiitti gahumsa isaanii cimsu mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’us, ammas hojiin hojjetamuu qabu akka jiru hubachiisaniiru.
Keessattuu Afrikaa keessatti dubartoonni faayinaansii, dandeettii dijitaalaa, gabaa, fi murtee kennuu irratti qaawwi akka jiru hubachiisaniiru.
Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) qaawwa kana guutuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #ENA