Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan fayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru

Eebila 06/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf lafa hektaara Miliyoona 1 olirratti biqiltuuwwan fayidaa garaagaraa qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.


 

Biirichatti Daareektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa fi bakka bu’aan damichaa obbo Katamaaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan dhaabaman bu’aa gaarii argamsiisaniiru jedhani.

Kana bu’uura godhachuun, bara kana lafa biqiltuu dhaabuuf karoorfame keessaa dhibbantaa 50 ol biqiltuuwwan nyaataaf oolan akka dhaabaman ibsanii, waliigala hojiin qophii dhibbeentaa 92 irra ga’uu beeksisaniiru.


Naannichatti bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaatiif lafti haaraan hektaara miliyoona 1 ol qophaa’uu mirkaneessaniiru.

Kana keessaa biqiltuuwwan bosonaaf tajaajilan lafa hektaara kuma 400 ol irratti akka dhaabaman ibsaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman kunneenis, gabbina biyyee deebisuu, oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, midhaan Qonnaa misoomu waliin kan wal simatan, akkasumas qonnaan bultoonni lafa xiqqaa irratti fayyadamaa hedduu ta’uu kan dandeessisan akka ta’an himaniiru.


Qophiin biqiltuus Mootummaan, Interpiraayizootaan, waldaaleenii fi qonnaan bultootaan buufataalee biqiltuu kuma 1 fi 200 irratti qophaa’aa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015