Tamsaasa Kallatti:

Sirni yaadama ida’amuu oomisha ammayyaan fayyadamuun hirkattummaa dhabamsiisuudhaan ce’umsa oomishtummaa qonnaa saffisiisaa jira

Eebila 6/2018 (ENA): Sirni yaadama ida’amuu oomisha ammayyaan fayyadamuun hirkattummaa dhabamsiisuudhaan ce’umsa oomishtummaa qonnaa saffisiisaa jira jedhan de’eetaan Ministira Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa.

Waltajjiin marii mata duree "Hirkatummaa irraa gara oomishtummaatti" jedhuun ENA fi Ministeera Qonnaa waliin ta'uun qopheeffame gaggeeffameera.


 

Dr. Soofiyaa Kaasaa akka himanitti, Sagantaan Saftineetii misoomaa oomishtummaa lammiilee saffisiisaa jira jedhani.

Deeggarsi teeknooloojii jallisii fi dhiyeessii galtee lammiilee fayyadamtoota toora nageenya misoomaa turanif taasifame hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce'uu dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru.

Yaad-rimeen ida’amuu fi sirni oomishaa ammayyaa hiyyummaa dhabamsiisuudhaan gara oomishtummaa qonnaatti ce’u saffisiisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Gorsaan Ministeera Hojjetaa fi Ogummaa Dr. Xilahuun Tilahun Bajjitohaal gama isaaniitiin biyyoonni tokko tokko dandeettii misoomaa fi qabeenya guddaa kan qaban ta’us hiyyummaaf kan of daangessanii harka kennatan ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenya hedduu guddinaa fi badhaadhina damee hundaan mirkaneessuu danda’u osoo qabduu hiyyummaa waliin hidhamtee akka turte ibsaniiru.


 

Kana bu’uura godhachuun jijjiirama biyyaalessaa booda omishtummaa qonnaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan imaammataa hojiirra oolan dandeettii wabii nyaataa mirkaneessu uumaa jiru jedhan.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsanitti, jijjiirama biyyaalessaa kana hordofuun naannoo oomishtummaa qonnaa adda addaa naannichaa fayyadamuudhaan lammiileen hedduun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ce’aa jiraachuu ibsaniiru.

Itti Aantuun Itti Gaafatamaa Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Itaagenyeewu Addame sagantaan Saaftineetii misoomaa nageenya naannoo eeguun naannoowwan saaxilamoo ta’an deebisuuf gargaareera jedhan.

Sagantaan bu’uuraalee misooma jallisii lammiileen hedduun wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf dandeessisaa jiraachuus eeraniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015