Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa Loltummaa industirii fi teeknooloojii isaanii guddisuuf waliigalaniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa injiinar Aayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Laayibeeriyaa Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin Finfinneetti mari'ataniiru.
Walgahichaan dhimmoota tarsiimoo tumsa loltumaa biyyoota lamaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuu danda’anirrattis mari’ataniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa akka himanitti,Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisuun, walitti dhufeenyi seenaa kun tumsa loltummaa amma jiruuf bu’uura cimaa akka ta’u dubbatani.
Itiyoophiyaan gama industirii loltummaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan saayinsii loltummaa fi ijaarsa ittisa ammayyaa irratti, nageenya idil addunyaa eegsisuu dabalatee, muuxannoo barumsaa guddaa Laayibeeriyaaf ta’uu ibsaniiru.
Laayibeeriyaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo bal’aa argachuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru.
Keessattuu gama leenjii fi tumsa teeknikaatiin tumsa loltummaa biyyoota lamaanii daran guddisuuf akka hojjetan odeeffannoon onlayin Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa ENA’f erge ni mul’isa.
#Ena Afaan Oromoo #ENA