Tamsaasa Kallatti:

Hojiirra Oolmaan "Gargaaramuurraa gara oomishtummaatti" jedhu hiyyummaa ittisuu irratti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira

Eebila 06/2018 (ENA): Seenaa gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ce’uu Itiyoophiyaa keessatti Qajeeltoon raawwiin (road map) hiyyummaa ittisuu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru, Waajjira Ministira Muummeetti Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan giddugala Ijaarsa Sirna Dimokraasii Dr. Sammaa Xurunaa ibsan.

Waltajjiin marii Walta'iinsa ENA fi Ministeera Qonnaatiin mata duree "Gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti" jedhuun Qophaa’e Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira.


Dr. Sammaa Xurunaa Barreeffama ajandaa marii mata-duree "Gargaaramuurraa gara oomishtummaatti, kabajaa fi birmadummaa biyyaa guutuuf" jedhu irratti qopheessuun dhiyeessaniiru.

Qabxii dhiyeessaniin, Itiyoophiyaan biyya birmadummaa ishee tikfattee turte taatus, gargaaramuu fi deeggarsa alaa hanbisuun birmadummaa guutuu gonfachuun daangaa itti ta’ee akka ture ibsaniiru. 

Haata’u malee, jijjiirama biyyaalessaa booda birmadummaa guutuu Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tarkaanfii Imaammataa fudhatame kabaja lammiilee gonfachiisaa akka jirtu ibsaniiru.

Jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota walqabatanii jiran irratti, Itiyoophiyaan balaa hongee fi beelaa damdamachuun ce’umsa oomishitummaa guddina qabu galmeessuu ishee dubbataniiru.

Seenaa gargaarsaan jiraachuu Itiyoophiyaa gara oomishtummaatti ceesisuuf, qajeeltoowwan hojiirra oolmaa waliigaltee, qulqulleessuu, qopheessuu, qindeessuu fi ce’uu raawwachuun hiyyummaa ittisuu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Sagantaan Saaftiineetii misoomaas lammiilee hedduu hiyyummaa keessaa baasuun ce’umsa oomisha bu’aa qabu ariifachiisaa akka jiru ibsaniiru.


 

Fuuldurattis, hogganoonnii fi miseensonni Paartii Badhaadhinaa, hoggantoonni mootummaa fi ogeeyyonni, deeggartoonni misoomaa, miidiyaalee fi uummanni biyyattii, birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf injifannoo galmaa’e cimsuu fi itti-fufsiisuuf itti-gaafatamummaa isaanii bahuu akka qaban hubachiisaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015