Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hundaa kan boonsudha - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hundaa kan boonsudha
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hunda kan boonsu ta'uu Ministirri Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatii, ibsani.
Itiyoophiyaan kenniinsa tajaajila alaa fi damee kalaqaan ardicha keessatti dargomaa fi gahumsa gaarii ijaaraa jirti jedhani.
Jilli Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatiin durfamu Paarkii Teeknooloojii Odeeffannoo Itiyoophiyaa daawwateera.
Ministirri Dhimma alaa kun akka jedhanitti, Jijjiiramni damee teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti mul’ate Afrikaa hundaaf madda boonsaa ta’uu ibsani.
Hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaa sadarkaa itti aanutti ceesisuuf fedhii akka qabanis himaniiru.
Akkasumas tumsi gama teeknooloojii, qonnaa fi barnootaan taasifamu ummata biyyoota lamaanii fayyadamoo taasisuu akka qabu ibsaniiru.
Humna namaa baay’ee Afrikaa keessattuu dargaggoota sirnaan itti fayyadamuuf tumsa biyyoota "Kibbaa-Kibbaa" gidduu jiru cimsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.
Ardichi waliinii fi qindoominaan yoo misoomte ni danda’ama jechuun dubbataniiru.
Wiirtuuwwan daataa paarkii ayisiitii keessatti daawwatan ilaalchisee Itiyoophiyaan gama hojii alaa fi kalaqaan ardii kanarratti dandeettii dorgomaa fi injifatamuu hin dandeenye ijaaraa akka jirtu ibsaniiru.
Dargaggoonni argannoo haaraa akka maddisiisan haalli mijataa paarkicha keessatti uumame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas, wiirtuun daataa kun dandeettii Afrikaan daataa mataa ishee ofumaan bulchuu akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, muuxannoo teeknooloojii Itiyoophiyaa irraa barachuun Laayibeeriyaan wiirtuu kuusaa daataa mataa ishee ijaaruuf fedhii akka qabdu mirkaneessaniiru.
Daawwannaan kun hariiroo seenaa biyyoota Afrikaa durii lamaan gidduu jiru gara walta’iinsa dinagdee fi teeknooloojii qabatamaatti kan jijjiiru ta’uun ibsaniiru.
Jilli Pirezidaantii Laayibeeriyaa Jooseef Niyuumaa Boo’akaayiin durfamu kaleessa galgala daawwannaa hojiif Finfinnee akka gale ni beekama.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Laayibeeriyaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan simannaa taasisaniiruufi.