Tamsaasa Kallatti:

Leenjiin 'Koodarsii' tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gargaare

Eebila 06/2018 (ENA): Hojjettoonni mootummaa Jimmaa Leenjii 'Koodarsii' fudhatan, tajaajila uummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf isaan gargaaraa akka jiru ibsan.

Inisheetiivii Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad kan ta'e leenjiin 'Itiyoo-Kodarsii' namoota miiliyoona 5’f kennamu, Magaalaa Jimmaatti hojjettoota mootummaa dhaabbilee garaagaraa keessa hojjetan biratti kaka'umsa guddaa uumaa jiraachuun hubatameera.

Leenjichi dandeettii dijitaalaa hojjettootaa guddissuun, tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsameera.

Akka Hojjettoonni jedhanitti, leenjichi hojii isaanii irratti beekumsaa fi dandeettii dabalataa akka horatan isaan gargaareera.

FDRItti Hojjettoonni Bulchiinsa Waldaa Inshuraansii Hojjettoota Dhaabbilee Dhuunfaa Damee Jimmaa ta'an, Mihirat Kaasaa fi Qumnagar Warqiyyee, dhaabbatichi tajaajila kompiitaraa fi intarneetii mijataa waan godheef koorsiiwwan garaagaraa fudhachuu isaanii dubbatani.

Sagantaa Leenjichaa irraa waraqaa ragaa Idil-Addunyaa argachuu isaanii eeruun, hojjettoonni biroonis carraa kana akka fayyadaman gorsaniiru.

Hogganaan waajjira damichaa obbo Masfin Mashashaa gama isaaniitiin, hojjettoota dhaabbatichaa 140 keessaa dhibbeentaa 70 ol ta'an leenjicha fudhachuu isaanii ibsaniiru.


 

Hojjettoonni hafanis leenjicha akka argatan hojiin hubannoo uumuu fi dhiyeessiin teeknoolojii mijataa akka jiru eeraniiru.

Dhaabbata tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa keessatti kan hojjetan Musliimaa Awwalii fi Mahaammad Haaydar, yeroo tajaajilli gara dijitaalaatti jijjiiramaa jiru kana keessatti leenjichi baay'ee barbaachisaa ta'uusaa ibsaniiru.

Hojii keenya idilee cinaatti leenjicha fudhachuun keenya, hojii keenya caalatti ariifachiisuu fi babal'isuuf nu gargaaraa jira jedhaniiru.


 

Itti Aanaan hojii gaggeessaa Giddugalichaa obbo Abdii Salamoon akka ibsanitti, hojjettoota dhaabbatichaa 104 keessaa 80 ol ta'an leenjicha xumuruun waraqaa ragaa fudhataniiru.

Leenjichi hojjettoonni tajaajila Hawaasaaf kennan beekumsa irratti kan hundaa'e fi si’ataa akka ta'u gochaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015