Tamsaasa Kallatti:

Oomishtummaan damee qonnaa dandeettii wabii nyaataa mirkaneessu uumaa jira

Eebila 6/2018 (ENA) : Jijjiirama biyyaalessaa irraa eegalee hojiin haaromsaa damee qonnaarratti gaggeeffamaa ture oomishtummaa haalaan guddisuun wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf dandeettii uumaa jira jedhan Deetaan Ministeera Qonnaa Dr. Fiqiruu Raggaasaan.

Waltajjiin marii mata duree “Gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti” jedhuun ENA fi Ministeera Qonnaa waliin ta’uun qopheessan gaggeeffamaa jira.


 

Deetaan Ministeera Qonnaa Dr. Fiqiruu Raggaasaa Mootummaan jijjiiramaa sirna diinagdee adda addaatiin oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan imaammataa fudhateera jedhani.

Yeroo gabaabaa keessatti dandeettii oomisha bakka bu’aa damee hundaan guddisuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa al-ergii akka dabalu eeraniiru.

Dameen qonnaa rooba irratti hirkataa ta’uu fi yeroo dheeraaf wabii nyaataa lammiilee danqaa akka ture yaadachiisaniiru.

Jijjiiramni qilleensaa fi nageenyi naannoo hammaataa dhufuun lammiileen godinaalee adda addaa keessa jiranis gargaarsa irratti hirkataa akka ta’an taasisuu ibsaniiru.

Tarkaanfiiwwan imaammataa yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolan fi sagantaa misooma seeftii neet omishtummaa qonnaa guddisuun lammiilee hedduu jireenya gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ceesisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Dandeettiin oomishtummaa damee qonnaa hunda keessatti uumame wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf dandeettii uumaa akka jiru hubachiisaniiru.


 

Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Sayifee Darribee gama isaaniitiin sirna dimokraatawaa ijaaruu fi hojiiwwan misoomaa adda addaa ijaaruu keessatti ajandaa murteessaa ta’e kaa’uuf miidiyaaleen bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

ENA’n wabii nyaataa mirkaneessuuf Ministeera Qonnaa waliin ta’uun ciminaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Injifannoon seenaa hiyyummaa Itiyoophiyaa xumuruu fi wabii nyaataa mirkaneessuun kabaja lammiilee guddisu galmaa'aa jiraachuu ibsaniiru.


 

ENA’n, Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa waliin ta'uun, mata duree "Oomishtummaa Qonnaa wabii Nyaataa mirkaneessuu fi kabaja Biyyaaf" jedhuun, hojiilee damee qonnaa keessatti baroota jijjiiramaa keessatti argame irratti xiyyeeffachuun, Bitootessa 23, 2018 waltajjii marii gaggeessee akka ture ni beekama.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015