Waltajjiin Marii Mata duree "Gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti" jedhu Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Waltajjiin Marii Mata duree "Gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti" jedhu Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira
Eebila 06/2018 (ENA): Waltajjiin marii Walta'iinsa ENA fi Ministeera Qonnaatiin mata duree "Gargaaramummaarraa gara oomishtummaatti" jedhuun Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira.
Marii kanarratti dura taa'aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Demokiraasii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Ewunatee Allanee,Waajjira Ministira Muummeetti Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Demokraasii Doktar Sammaa Xurunaa, Deetaan Ministeera Qonnaa Doktar Fiqiruu Raggaasaa fi Deetaan Ministeera Qonnaa Doktar Soofiyaa Kaasaa argamaniiru.
Dabalataanis Hojii gaggeessaa olaanaan ENA obbo Sayifee Darribee, Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gamachuu dabalatee, hoggantoonni hojii Federaalaa fi Naannoo, akkasumas Ogeeyyoonni Qonnaa argamaniiru.
Marii kanarratti, Oomishtummaa Qonnaa Itiyoophiyaa ittifufsiisuun wabii nyaataa mirkaneessuu kan dandeessisan yaadonni ka'umsaa dhiyaatanii mariin irratti gaggeeffama jedhamee eegama.
Itiyoophiyaan oomishtummaa midhaaniin qamadii jallisii waktii Gannaa, Bonaa fi Arfaasa, sagantaa Maaddii Guutuu fi sagantaa Ashaaraa Magariisaa fayyadamuun, bu’aa jijjiiramaa wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisu galmeessisaa jirti.
Fakkeenyaaf, gargaaramummaa waggoota dheeraa hambisuun, of danda'uurra darbee qamadii gara alaa erguun kabaja biyyaalessaa guutuu gonfachuuf hojjechaa jirti .