Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu dandeettii Kalaqa Barattootaa guddisuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jira

 

Eebila 06/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota fedhii teekinooloojii fi kalaqaa qaban bu’aa gaariif akka ga’an gochuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jiraachuu beeksise.

Yuunivarsiitichi gidduu gala STEM (STEM Center) waliin ta’uun agarsiisa qopheesserratti, Barattoonni Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaa Magaala Roobee damee Saayinsii, Teeknooloojii, Injinariingii fi Herregaa irratti leenjii fudhatan, hojiilee kalaqaa fi argannoo isaanii dhiheessaa jiru.

Saganticharratti kan argaman Itti Aanaan Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa Gargaaraan Piroofeesara Iisaa Hasaan akka jedhanitti, dhaabbatichi Qorannoowwanii fi tajaajiloota fedhii fi rakkoo hawaasa naannichaa bu’uura godhatanirratti hojjachaa jira.

Yuunivarsiitichi dhaabbata "STEM Power" waliin ta’uun laaboraatoorii dhaabe rakkoolee damee kanaan mudatan furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.

Laaboraatooriin kun barattoonni barnoota baratan (theory) baratan qabatamaan akka shaakalan gochuudhaan, dhaloota rakkoo biyyaa fi naannoo furuu danda’an uumuuf gargaaraa jiraachuu eeraniiru.

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Roobee obbo Jamaal Abbaagaroo gamasaaniin, agarsiisichi dhaloota bakka bu’aa ta’eef dandeettii kalaqaasaanii akka gabbifatan haala mijeessuusaa dubbataniiru.

Hojii gaggeessaan oppereeshinii "STEM Power" Itiyoophiyaa obbo Anteneeh Fissahaa, tarsiimoo dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa biyyaatti damee saayinsii fi teeknooloojii irratti jijjiiramni jajjabeessaan mul’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Agarsiisichi fedhii barattootaa guddisuurra darbee, milkaa’ina " Dijitaala Itiyoophiyaa 2030"f gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Barattoonni agarsiisicharratti hirmaatan, Meeshaalee Naannosaanii jiran fayyadamuun,Teeknooloojii rakkoo furuu danda’an bocuun dhiheessaniiru.

Waltajjichi dandeettii kalaqaa barattootaa guddisuuf kaka’umsa kan isaanitti hore ta’uu barattoonni hirmaatan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015