Godina Boorana Bahaatti qonna Arfaasaa baranaan lafti hektaarri kuma 100 fi kuma 60 ol midhaaniin uffifameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Boorana Bahaatti qonna Arfaasaa baranaan lafti hektaarri kuma 100 fi kuma 60 ol midhaaniin uffifameera
Eebila 6/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaa aanaalee Gammoojjiitti qonna Arfaasaan lafti hektaarri kuma 100 fi kuma 60 ol midhaan gosa adda addaan uwwifamuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Booranni Bahaa lafa gammoojjii fi rooba gabaabaa kan hin qabne ta’us, horsifni beeyladaa baay’inaan ni mul’ata. Haata’u malee Bitootessa 15 hanga walakkeessa Eebilaatti roobni Arfaasaa akka jiruu fi laftis kan qotamu ta’uu ibsameera.
Waajjirichatti ogeessi misoomaa fi eegumsa midhaanii obbo Bonayaa Huqaa akka himanitti, lafti hektaara kuma 176 fi 223 qotamee midhaan ji’a Arfaasaa bara kanaa facaasuuf qophaa’eera jedhani.
Aanaalee Godinaa hundatti lafa midhaan Arfaasaaf qophaa’e keessaa hanga ammaatti midhaan gurguddoo afuriin lafa hektaara kuma 160 fi 539 misoomuu himaniiru.
Lafti qotame aanaalee lafa gammoojjiitti sanyii filatamaa qamadii, xaafii, boqqolloo fi boloqqeen misoomsamaa akka jiru himaniiru.
Oomisha Arfaasaa baranaa irratti qonnaan bultoonnii fi walakkaa horsiisee bultoonni 137,324 hirmaachaa jiraachhuu eeruun; kanneen keessaa 20,297 dubartoota ta’uu ibsaniiru.
Oomisha Arfaasaa bara kanaa misoome irraa waliigalatti oomishni kuntaala miiliyoona 3 ol Godinicha keessatti walitti kan qabamu ta’uu karoorfamuu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #ENA