Naannoo Hararitti Qe’ee moodeela abbootii warraa 250 qabatu ijaaramuufi - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Hararitti Qe’ee moodeela abbootii warraa 250 qabatu ijaaramuufi
Eebila 6/2018 (ENA) : Naannoo Harariitti Misooma Kooridara Baadiyyaatiin ji'oota lamaan dhufan keessatti Qe’ee moodeela maatii 250 fayyadamoo taasisu akka ijaaramu Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badiirii beeksisaniiru.
Mariin karooraa fi raawwii hojii Koree Koridar Baadiyyaa Naannichaa gaggeeffameera.
Kanuma waliin Bulchaan Naannichaa akka himanitti, Misoomni koridaraa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eegalame kun naannoo qulqulluu fi miidhagaa uumuu qofa osoo hin taane, lammiileef haala jireenyaa mijataa uumuudha jedhani.
Haaluma kanaan bu’aa damee misooma koridaraa magaalaa Harar keessatti galmaa’e gara baadiyyaatti babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Hojiileen misooma koridara baadiyyaatti gaggeeffaman haala jireenyaa qonnaan bultootaa jijjiiruuf dandeettii akka qaban akeekaniiru.
Fakkeenyaaf, qonnaan bultoonni qabeenyaafi kennaa isaanii sirnaan fayyadamuun diinagdee isaanii guddisuu fi akkasumas jireenya mijataa jiraachuu akka danda’an ibsaniiru.
Ji’oota lamaan dhufan keessatti ganda baadiyyaa moodeela ta’ee qonnaan bultootaa abbootii warraa 250 fayyadamoo taasisu ijaaruuf ni hojjetama jedhaniiru.
Hojiin misooma koridara baadiyyaa murannoo guddaadhaan akka itti fufu eeruun, qonnaan bultoonni hirmaannaa fi deeggarsa itti fufiinsa qabu akka cimsan dhaamaniiru.
Hoggansi sadarkaa sadarkaan jirus qindoominaa fi tumsaan akka hojjatan dhaamaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #ENA