Abbootiin qabeenyaa naannawaa daldala bilisaa keessatti hojjetan gibira galiirraa bilisa akka ta’an eeyyamame - ENA Afaan Oromoo
Abbootiin qabeenyaa naannawaa daldala bilisaa keessatti hojjetan gibira galiirraa bilisa akka ta’an eeyyamame
Eebila 5/2018 (ENA) : Abbootii qabeenyaa naannawaa daldala bilisaa keessatti galteewwanii fi oomishaalee dhiyeessurratti bobba’an gibira galiirraa bilisa akka ta’an eeyyamame jedhe Ministeerri Maallaqaa.
Hanqina Kaappitaalaa, dhiyeessii galteewwanii fi ogeeyyii misooma Indaastirii biyya keessaa furuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ministeerichi himeera.
Galchitoonni galteewwanii fi oomishaaleef qaraxaa fi taaksii osoo hin kaffaliin gara biyya keessaa akka galchan sana booda galtee ykn oomisha sanaaf gabaa yeroo argatan qaraxaa fi gibira akka kaffalan hojmaanni diriiruun kan yaadatamudha.
Yeroo ammaa kana immoo abbootiin qabeenyaa naannawaa daldala bilisaa keessatti galteewwanii fi oomishaalee gabaaf dhiyeessurratti bobba’an gibira galiirraa bilisa akka ta’an eeyyamamuu eereera.
Abbootiin qabeenyaa carrichatti fayyadamuun naannawaa daldala bilisaa keessatti bal’inaan akka hirmaatan ministeerichi waamicha dhiyeessera.