Tamsaasa Kallatti:

Jijjiiramaa waggaa saddeetii booda uummani keenya jallisiirraa bu’aa argachaa jira

Eebila 05/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti jijjiirama biyyaalessaa booda fayyadamummaan misooma jallisii dabaluusaa Hogganaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiinar Girmaa Raggaasaa ibsan.

Naannichatti Teekinooloojiiwwan Jallisii adda addaa fayyadamuun uwwwisa jallisii babal’isuuf hojii hojjetameen jijjiramni guddaan dhufuusaa ibsaniiru.

Kanaanis qonna qamadii bonaan hojii hojjetameen jijjiiramni qabatamaan mul’achuusaa ibsaniiru.

Naannichatti jijjiirama biyyaalessaa booda Mootummaan qonnaan bulaaf Paampiiwwan jallisiif oolan bitee raabsuusaa himaniiru.

Akkasums naannichatti jijjiiramaa booda Pirojektoota Jallisii dhibba 2 ol haaraa ijaaruun uummanni irraa akka fayyadamu taasisuu danda’uu ibsaniiru.

Kanaanis uummanni keenya Jallisii Aadaa fi Paampiin fayyadamuurra darbee jallisii Ammayyaan akka fayyadamuu gochuu danda’uu himaniiru.

Yeroo ammaa kana naannichatti lafa hektaara miiliyona 3 ol jaallisiin misoomuu danda’uu ibsaniiru.

Kanaanis ilaalamni ganna omishanii bona boqochuu jedhu jijjiiramuun qonnaan bulaan wabii midhaan nyaataan of dandaeera jedhaniiru.

Gara fuuldurattis hojii misooma jallisii gara sadarakaa olaanaatti ceesisuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas Naannoo hongeen itti baay’atutti miidhaawwan qaqqabaa ture baraaruuf pirojektoota Finnaa73 hojjechuun uummanni hongeen dararamaa ture akka dandamatu ta’uu ibsaniiru.

Waggaa sadiin dura rakkoo hongee Booranattti mudateen hawaasni keenya deeggaraa kan ture yeroo ammaa hojii hojjetameen marga gahaa naannoosaaniitti argachuu danda’uusaanii ibsaniiru.

Uummanni Booranaa haala mijataa uumameefiin marga omishee kuufachuun loon isaa horsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015