Godina Shawaa Lixaatti qonnaan bultootaaf galteewwan qonnaa dhiyaachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Lixaatti qonnaan bultootaaf galteewwan qonnaa dhiyaachaa jira
Eebila 5/2018 (ENA) : Hojiin xaa’oo biyyee fi sanyii filatamaa Qonnaan bultoota Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaaf yeroo oomishaa 2018/19f dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Waldaa Hojii Gamtaa Godinichaa beeksise.
Akka Itti Aanaantuun Itti Gaafatamtuu Ejensichaa Aadde Masarat Balaay ENAtti akka himanitti, yeroo oomishaatti galma misooma midhaanii karoorfame galmaan gahuuf galteewwan qonnaa adda addaa dursanii qonnaan bultootaaf raabsamaa jiru.
Yeroo oomishaatti xaa’oo kuntaala miiliyoona 1.1 ol raabsuuf karoorfamuu eeruun, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala kuma 461 ol waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa tokkoon tokkoon aanaatti geejjibsiifameera jedhan.
Dhiyeessiin xaa’oo qonnaan bultootaaf tajaajila dijitaalaatiin taasifamaa jira, kunis raabsa haqa qabeessa ta’eef kan gargaaru ta’uu hubachiisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun sanyiin filatamaan kuntaala kuma 8 fi 244 raabsuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti sanyii boqqolloo filatamaa kuntaala kuma 2 ol dhiyaateera jedhan.
Qonnaan bultoonni godinichaa yaada isaanii ENA’f kennan galteewwan kunneen yeroon dhufuun milkaa’ina hojii isaaniif gargaarsa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bulaa Haacaaluu Baay’isaa, "Midhaan dhufu keessatti boqqolloo fi midhaan biroo misoomsuuf galteewwan barbaachisoo ta'an arganneerra; yeroo ammaa lafa keenya irra deddeebiin qotuudhaan facaasuuf qopheessaa jirra," jedhan.
Qonnaan bulaan biraa Waldasamaayaat Lataa, xaa’oo fi sanyiiwwan filatamaa yeroon dhufuun hojii qonnaa isaanii akka sirreessuuf akka isaan gargaare eeruun, lafa isaanii heektaara shan irratti boqqolloo fi qamadii misoomsuuf qophaa’aa akka jiran dubbataniiru.
Odeeffannoon Waajjira Qonna godinicha irraa argame akka mul’isutti, yeroo oomishaa 2018/19tti godinni Shawaa Lixaa lafa heektaara kuma 900 ol midhaan adda addaatiin kan misoomu ta’a.