Dargaggoonni Godaansa seeraan Alaarraa deebi’anii hojii misooma beelladaarratti bobba’uun bu’aa qabeessa ta’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni Godaansa seeraan Alaarraa deebi’anii hojii misooma beelladaarratti bobba’uun bu’aa qabeessa ta’aniiru
Eebila 05/2018 (ENA) : Dargaggoonni godaansarraa deebi’an, horsiisa Beeyiladaa naannawa isaanii jiru keessatti bobba’uun bu’a qabeeyyii ta’uu isaanii dubbatan.
Namoota godaansarraa deebi’an keessaa dargaggoon Saadiq Siraaj akka ibsetti, karaa seeraan alaa galaana qaxxaamuree biyya Arabaa keessatti yeroo dheeraaf hojjatus bu’a qabeessa ta’uu hin dandeenye.
Gara biyyaatti erga deebi’ee booda jireenyasaa darbe irraa barachuun, biyya ofii keessatti hojjatee jijjiiramuuf kaayyoo qabaachuudhaan, carraa hojii mootummaan mijeessesfiitti fayyadamee Misooma Sa’a Aannaniirtatti bobba’uusaa ibseera.
Kanaanis Sa’a Aannanii Sanyii fooyya’aa ta’an Mana Jireenyaa keessatti horsiisuun hojii eegale guddisuun, Godina Arsii,Bulchiinsa Magaalaa Dheeraatti, lafa kaaree Meetira 350 ta’u fudhachuun giddugala Horsiisa Sa’a Aannanii ijaaruusaa ibseera.
Kunis Oomisha Aannanii jiraattota Magaalaaf gatii madaalawaan dhiyeessuuf isa dandeessiseera.
Dargaggooo biraan godaansarraa deebi’e Nabiyyuu Abdullaahi, gama isaanitiin, haadha manaasaa wajjin hojjatanii jijjiiramuuf yaaduun, karaa seeraan alaa biyya Arabaa deemuun waggootaaf bu’aa malee dabarsuu isaanii yaadateera.
Godaansa seeraan alaa keessatti waggoota dabarsan keessatti bu’aa dhaban, biyya isaanii keessatti hojjetanii jijjiiramuuf carraa hojii mootummaan uumeefii fayyadamuusaanii eeraniiru.
Yeroo ammaa kanattis waldaan gurmaa’uun hojii horsiisa lukkuu irratti bobba’uun fayyadamummaa diinagdeesaanii guddisuu ibsaniiru.
Kanaanis Cuucii guyyaa tokkotti kuma 3 baasuun, waldaalee biroof dhiyeessuu isaanii dubbataniiru.
Hojii isaanii guddisuufis mootummaan giddugala horsiisa lukkuu ijaaree kennuunii fi Liqii Birrii Miiliyoona 1.5 argachuusaanii ibsaniiru.
Dargaggoonni karaa seeraan alaa gara biyya alaa imalan miidhaa qaamaa fi du’aafillee kan saaxilaman waan ta’eef, biyya ofii keessatti hojjatanii jijjiiramuun akka danda’amu muuxannoo isaanii qoodaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Dheeraa obbo Nuuraa Huseen akka ibsanitti, Bulchiinsi Magaalichaa giddugala Horsiisa Sa’a Aannanii, Lukkuu fi loon furdisaa 300 ol ijaaruun dargaggoota waldaan gurmaa’aniif dabarsaa jira jedhani.
Keessattuu Qonna Magaalaa babal’isuu fi bu’a qabeessa gochuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jiru eeranii, Misooma Aannanii, Lukkuu fi hojii furdisaarratti dargaggoonni bobba’an bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru jedhaniiru.
Qonna Magaalaa keessatti kan bobba’anis, dandeettii diinagdee isaanii guddisuurra darbee, tasgabbii gabaa Magaalaaf gumaacha gochuusaanii ibsaniiru.