Tamsaasa Kallatti:

Misoomni Beelladaa Bu’uura Milkaa’ina Badhaadhinaati

Eebila 5/2018(ENA) : Biyyi keenya qabeenya beelladaa bal’aa qabaachuun sadarkaa Afrikaa fi Addunyaatti biyya beekamtii qabduudha. Lakkoofsi Loon, Hoolaa, Re’ee, Lukkuu fi beelladoota biroos baay’inaan jiraachuun biyyattii wiirtuu horsiisa beelladaa taasiseera.

Haalli qilleensaa mijataa, lafti dheedichaa bal’aanii fi qabeenyi bishaanii jiraachuun carraa misooma beelladaa guddaa uumeera.


 

Haa ta’u malee yeroo dheeraa qabeenya guddaa kana irraa bu’aan argamaa ture daraan gadi aanaadha.Horsiisni malaafi haala aadaatiin gaggeeffamuu, sanyiin beelladaa fooyya’aa ta'uu dhabuu , nyaanni beelladaa qindaa’aan dhabamuufi tajaajilli fayyaa beelladaa gahaan jiraachuu dhabuu akkasumas, oomisha gabaa fi industirii waliin walitti hidhuun laafaa ta’uun oomishtummaa seektarichaa gadi buuseera.

Rakkoon teeknooloojii fi beekumsi ammayyaa gahaan horsiisee bultootaaf kennamuu dhabuuniis qabeenya guddaa kana gara bu’aa dinagdeetti jijjiiruu danqee ture.

Kana hubachuun,Jijjiiramaan boodaa mootummaa Naannoo Oromiyaa damee misooma beelladaa akka utubaa diinagdee fi badhaadhinaatti ilaaluun hojii bal’aa jalqabeera.

Sanyii beelladaa fooyya'aa babal’isuu, tajaajila fayyaa beelladaa cimsuu, misooma aannanii, foonii, lukkuu, dammaa, qurxummii fi booyyee irratti inisheetivoota haaraa bocuun hojiin bal’aan hojjatamaa jira.


 

Oomisha beelladaa industirii fi sirna gabaa ammayyaa waliin walitti hidhuun damicharraa bu’aa qabatamaan argamuu jalqabeera.

Oomishni aannanii, foonii, dammaa, hanqaaquu fi qurxummii dabalaa dhufuu isaatiin galiin horsiisee bultootaa fooyya’aa dhufeera.

Carraan hojii bal'aaniis dargaggootaa fi dubartootaaf uumameera.

Sirni gabaa fooyya’uun investimantiin damee beelladaa keessatti dabalaa akka dhufu ta'eera.

Akkasumas daldalli oomisha beelladaa keessaa fi alaa babal’achuun galiin mootummaa fi uummataa dabalaa jira.

Walumaagalatti, Oromiyaan qabeenya beelladaa hedduu qabdu irraa yeroo dheeraaf bu’aa xiqqaa argachaa turte.

Amma garuu inisheetivoota misoomaa bocamanii hojiirra oolaa jiraniin qabeenya guddaa kana gara humna diinagdee, carraa hojii fi badhaadhina uummataatti jijjiiruun imala abdachiisaa keessa seentee jirti.

BKMO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015