Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru
Eebila 05/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf dursinee qophoofneerra jedhan.
Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een Bitootessa 28, 2018 irraa eegalee tokkoon tokkoon buufata filannootti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira.
Jiraattonni naannoo Harar yeroo ammaa kaardii galmee filattootaa filannoo kana irratti akka hirmaatan isaan dandeessisu fudhachuu himaniiru.
Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an aadde Firehiwot Abbaynaa turtii ENA Waliin taasisaniin, filannoo biyyaalessaa afran darban irratti hirmaachuudhaan paartii fayyada jedhaniin sagalee kennuu isaanii yaadataniiru.
Filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa dhufu irratti hirmaachuuf qophaa’aa akka jiran ibsuun, Kanaafis kaardii filannoo fudhannee dhaaba guddina biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee isaanii kennuuf qophaa’uu himani.
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhannee mirga lammummaa fi heera mootummaatii nuuf kenname itti fayyadamuun qophoofneerra kan jedhan immoo jiraataa magaalattii obbo Habtaamuu Siifaa dha.
Paartiileen morkattootaa yaada isaanii karaalee miidiyaa ibsachaa waan jiraniif paartii nuuf ta’a jennu filachuuf qophoofneerra jedhani.
Filannoon kun nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf namuu gahee isaa bahuu akka qabus dubbataniiru.
Kaardii paartii filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu barbaannu filachuuf nu dandeessisu fudhannee jirra kan jedhan Ajabaa Adam, paartii nuuf mijatu filachuuf qophoofneerra jedhnai.
Kunis karaa nagaa fi dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf gahee keenya ni baana jedhaiiru.