Tamsaasa Kallatti:

Atileet Misgaanaa Waaqumaa Seenaa Shampiyoona fiigicha tarkaanfii Addunyaa keessatti Itiyoophiyaaf medaalii jalqabaa argamsiise

Eebila 05/2018 (ENA): Shaampiyoona tarkaanfii Atileetiksii Addunyaa 31ffaa Biraazil, Magaalaa Biraaziiliiyaa keessatti gaggeeffamaa jira.

Dorgommiiwwan xumuraa Atileetonni Itiyoophiyaa itti hirmaatan gaggeeffamaniiru.

Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii Maaraatoonii walakkaa dhiirotaatiin, Atileeti Misgaanaa Waaqumaa sa’aatii 1 daqiiqaa 27 fi sekondii 33’n sadarkaa 2ffaa bahuun Medaalii Meetii argateera.

Atileeti Misgaanaan, Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana irratti yeroo 6ffaaf hirmaannaa gooteen medaalii jalqabaa argamsiiseera.

Atileetiin Xaaliyaanii Firaancheeskoo Foorchuunaatoo sadarkaa 1ffaa baheera.

Atileetiin Biraazil Kaayoo Boonfiim immoo sadarkaa 3ffaa qabatee xumureera.

Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii dubartoota kiiloomeetira 10 waggaa 20 gadiitiin, Hiwoot Ambaawu daqiiqaa 48 fi sekondii 52’n sadarkaa 9ffaa qabattee xumurteetti.

Fageenyichaan yeroo gaarii galmeessifteetti.

Atileetiin Chaayinaa Yuutoongi Yaangi sadarkaa 1ffaa baateetti.

Akkasumas, Atileetiin Xaaliyaanii Seereenaa Di Faabiyoo sadarkaa 2ffaa, Atileetiin Chaayinaa Liihuwaa Nii sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru.

Dorgommii xumuraa kiiloomeetira 10 kan dhiirota waggaa 20 gadiitiin, Abduusalaam Abduulwahab daqiiqaa 42 fi sekondii 21’n sadarkaa 11ffaa qabatee xumureera.

Fageenya kanaan yeroo isaa gaarii galmeessiseera.

Atileetiin Chaayinaa Huuwaajiyaa Puu sadarkaa 1ffaa bahuun medaaliyaa warqee argateera.

Atileetiin Awustiraaliyaa Isaaq Biikiroofti sadarkaa 2ffaa, atileetiin Xaaliyaanii Aleesiyoo Koopoolaa sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru.

Itiyoophiyaan dorgommiiwwan xumuraa sadii irratti hirmaattee, medaaliyaa meetii tokko argachuun xumurteetti.

Seenaa shaampiyoonaa kana irratti hirmaatte keessatti medaaliyaa jalqabaa argatteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015