Kantiibaa Adaanech Abeebee ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan 27ffaa hojii eegalchiisan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanech Abeebee ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan 27ffaa hojii eegalchiisan
Ebla 4/2018 (ENA)- Kantiibaa Adaanech Abeebee ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan 27ffaa hojii eegalchiisaniiru.
Pirojektoota misoomaa fayyadama hunda galeessa lammiilee mirkaneessuu danda’an Finfinneetti ijaaramuusaanii kantiibaa Adaanech wayita kana ibsaniiru.
Pirojektoota namarratti xiyyeeffatanis qulqullinaa fi hatattamaan ijaaruun kutaaleen hawaasaa rakkoolee hawaasummaaf saaxilaman akka fayyadaman godhamaa jiraachuu dubbataniiru.
Wiirtuun soorataa Tasfaa Biraan 27ffaanis namoonni dadhaboon hedduun guyyaatti si’a tokko nyaata akka argatan carraa akka uumu eeraniiru.
Dureeyyii fi tola ooltota milkaa’ina wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan Finfinneetti ijaaramuuf deegggarsa olaanaa taasisan galateeffataniiru.
Fuulduras duudhaan wal gargaarsaa fi wal deeggarsaa lammiilee cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.