Tamsaasa Kallatti:

Embaasiiwwan biyyoota garagaraa baga ayyaana du’aa ka’uun nagana isin gahe jechuun ergaa dabarsan

Ebla 4/2018 (ENA)- Embaasiiwwan biyyoota garagaraa Finfinneetti argaman baga ayyaana du’aa ka’uun nagana isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.

Itiyoophiyaatti Embaasiin Ruusiyaa, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Hervin Maasingaa, Itiyoophiyaatti embaasiin Israa’eel ayyaanni du’aa ka’uu kan nagaa, jaalalaa, gammachuu akka ta’u hawwaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Awustiraaliyaa Dr. Piitar Hanter, Itiyoophiyaatti embaasiin Yunaayitid Kingidam,Itiyoophiyaatti embaasiin Iraan, Itiyoophiyaatti Embaasiin Paakiistaan Siwiidin, Siwiizerlaandi, Jarman, Armeeniyaa fi Kanaadaa fi kanneen biros  baga ayyaana du’aa ka’uun isin gahe jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

 Haala wal qabateen dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon Itiyoophiyaaa hordoftoota amantaa kiristaanaatiin baga nagana isin gahe jedhaniiru.

Yeroon du’aa ka’uu kun kan abdii, haaromfamuu fi waloomaa akka ta’u hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015