Tamsaasa Kallatti:

Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a gaggeeffama

Ebla 4/2018 (ENA) - Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a iraazil magaalaa Biraaziliyaattii gaggeeffama.

Shaampiyoonaan kun guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 45 irraa eegalee ni gaggeeffama.

Shaampiyoonaa kanarratti atileetonni biyyoota 40 irraa walitti dhufan 333 kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommiin kun tarkaanfii Maaraatoonii, tarkaanfii walakkaa Maaraatoonii fi dorgommiiwwan km. 10 waggaa 20 gadii saala lamaaniinuu of keessaa qaba.


Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa kanarratti ni hirmaatti.


Olompikii Paarisirratti hirmaatee qabxii quubsaa kan galmeessise atileet Misgaanaa Waaqumaa dorgommii tarkaanfii km. 20 irratti biyyasaa bakka bu’uun ni dorgoma.

Dubartootaan ammoo shaampiyoonaa dargaggootaa Afriikaa Angoolaa fi Naayijeeriyaatti gaggeeffamanirratti meedaaliyaa Warqee kan argatte atileet Hiywoot Ambaawu dorgommii km. 10niin biyyashee bakka bu’uun ni dorgomti.


Shaampiyoonaa Dirree Dawaa fi Finfinneetti gaggeeffamaniin kan mo’atte atileet Abdusalaam Abdulwahaab dhiiraan km 10niin akka dorgomu ni eegama.

Garee jilaa kana adda durummaan kan gaggeessan bakka bu’aan daarektaraa federeeshinichaa obbo Tasfaayee Yifruu garee teeknikaa waliin gara Biraazil deemuunsaanii ni beekama.

Dorgommiiwwan atileetiksii tarkaanfii addunyaa shan Itiyoophiyaa Kanaan dura hirmaatteen meedaaliyaa argattee hin beektu.


Itiyoophiyaan meedaaliyaa Kanaan yeroo jalqabaaf meedaaliyaa argachuuf atileetonni sadii Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015