Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi giifti duree Zinnaash Taayyaachoo ayyaana du’aa ka’uuf maaddii qoodan

Ebla 4/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi giifti duree Zinnaash Taayyaachoo ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun kutaalee hawaasaa garagaraaf paarkii tokkummaatti maaddii qoodaniiru.

Kiristaanonni mana amantaa guutuu Itiyoophiyaa jala jiran keessatti argaman ayyaana du’aa ka’uu abdiidhaan, aarsaa fi miira kaka’umsa haaraatiin tokummaan kabajaa akka jiran waajjirri ministira muummee beeksiseera.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi giifti duree Zinnaash Taayyaachoo maaddii wagga waggaan ayyaana du’aa ka’uu sababeeffachuun qoodan kutaalee hawaasaa garagaraa waliin paarkii tokkummaatti waliin qooddachuunsaaanii agarsiiftuu miira tokkummaa ta’uu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015