Hordoftoonni amantaa kiristaanaa ayyaana du’aa ka’uu kabajaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hordoftoonni amantaa kiristaanaa ayyaana du’aa ka’uu kabajaa jiru
Ebla 4/2018 (ENA)- Hordoftoonni amantaa kiristaanaa ayyaana du’aa ka’uu sagantaalee garagaraan kabajaa jiru.
Ayyaanichi guyyaan Iyyasuus Kiristoos du’a mo’achuun itti ka’e kan yaadatamudha.
Abbootiin amantaa ayyaana du’aa ka’uu ilaalchisuun ergaa dabarsaniin kiristaanonni ayyaana du’aa ka’uu duudhaalee tokkummaa fi tola ooltummaa gabbisuun, wal deeggaruunii fi waloomaan akka dabarsu waamicha abbummaa amantaa dabarsaniiru.
Hawaasni kiristaanaa haaloo fi jibbarraa fagaachuun, obbolootaa fi obboleewwan isaanii waliin nagaa fi jaalalaan hojjechuu akka qaban himaniiru.
Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu akka ta’u abbootiin amantaa xumura ergaasaaniin hordoftoota amantaa kiristaanaatiif hawwii gaarii ibsaniiru.