Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti giddu galli gabaa hojii eegale - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti giddu galli gabaa hojii eegale
Eebila 3/2018(ENA): Itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti giddugala gabaa hojii jalqabsiisaniiru.
Sagantaa kanaanis Inisheetiiviiwwan Giddugala gabaa fi Industirii Godoo kutaa Magaalichatti ijaaraman daawwatamaniiru.
Saganticharratti Mootummaan jireenya hawaasaa fooyyessuuf imaammataa fi tarsiimoo bocuun hojjechaa jiraachuu obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.
Mootummaan dinagdee dam-daneessa ijaaruuf hojii hojjeteen bu’aan mul’achaa jira jedhaniiru.
Gidduugalli gabaa hojii eegale qaala'insa gabaa to'achuu fi dargaggootaaf carraa hojii kan uumu ta’uus ibsaniiru.
Giddu-galoonni gabaa ijaaramanis walitti hidhaminsa gabaa fi Oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuusaa himaniiru.
Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo Magaalaa Shaggar giddu-gala dinagdee taasisuuf giddugaloota gabaa babal'isuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Koomunikeeshinii magalaa shaggar irraa