Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Ayyaana du’aa ka’uu Waloomaa fi wal gargaaruun dabarsuu qabu – Abbootii Amantaa - ENA Afaan Oromoo
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Ayyaana du’aa ka’uu Waloomaa fi wal gargaaruun dabarsuu qabu – Abbootii Amantaa
Eebila 03/2018(ENA): Abbootiin amantaa, hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Ayyaana Du'aa Ka'uu yeroo kabajan, duudhaalee tokkummaa fi gaarummaa dagaagsuun, wal-gargaaruunii fi waloon akka dabarsan waamicha dhiheessaniiru.
Abbootin amantichaa ergaa isaaniitiin,Ayyaanichi duudhaa wal-tumsuu fi gaarummaa Itiyoophiyaa cimsuudhaan namoota rakkatan gargaaruudhaan kabajamuu qaba jedhaniiru.
Paatiriyaarikii, olaanaan Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, Abune Maatiyaas, Ayyaana Du'aa Ka'uu yeroo kabajnu, amantaan keenya hojii gaarii nu barsiisu hojiin mirkaneessuu qabna jedhaniiru.
Ayyaanichaaf ibsituu kan ta'e amala gaarii fi yaada qajeelaa fayyadamuu akka qabnu eeranii,qormaatilee sadarkaa biyyaattis ta'e Addunyaatti mudatan obsaan darbuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Hordoftoonni amantichaa ayyaana yeroo kabajan namoota harka qalleeyyii gargaaruun ta’uu akka qabu himaniiru.
Lubni Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa, Qulqulluu Kaardiinaal Abuune Birhaane Iyyasuus, Hordoftoonni amantichaa barumsa gaarii Uumaasaaniirraa baratan hojiin akka argisiisan waamicha dhiheessaniiru.
Hordoftoonni Amantichaa haaloo, mufannaa fi jibba irraa fagaatanii, obboleeyyan isaanii waliin ta'uudhaan nageenyaa fi jaalala biyyaatiif hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Namoota bakkeewwan gara garaatti rakkoo keessa jiran gargaaruun ibsituu ijoo Ayyaanichaa ta'uu akka qabu itti dabaluun ibsaniiru.
Pireezidaantiin Kaawunsilii Waldaalee Amantoota Kiristaanaa Wangeelaa Itiyoophiyaa, Luba Darajjee Janbaruu, Du'aa Ka'uun ayyaana Uumaan ilmaan namootaaf jaalala guddaa qabu kan itti ibse ta'uu isaa addeessaniiru.
Du’aa ka’uun jibbi jaalalaan, gargar bahuun tokkummaan, akkasumas injifatamuun mo'ichaan kan itti bakka buufame ta'uusaa eeranii, hordoftoota amantichaa biratti dhiifamni akka mo'u dubbataniiru.
Itiyoophiyaan ijoolleen ishee hojjetanii jijjiiramuuf biyya mijooftuu akka taatuuf hundi keenya wal-gargaaruu qabna jechuun dhaamaniiiru.
Abbootin Amantichaa xumura ergaa isaaniitiin, ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu akka ta'u hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf hawwii gaariisaanii ibsaniiru.