Baga Ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos Ittiin Isin Gahe; Nu Gahe! - ENA Afaan Oromoo
Baga Ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos Ittiin Isin Gahe; Nu Gahe!
Dr. Abiyyi Ahimad Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Ayyaanni Du’aa ka’umsaa kiristaanotaaf ayyaana addaati. Guyyaa duuti itti haqamee fi jireenyi itti labsamedha. Guyyaa du’a booda jireenyi akka jiru,awwaalaan booda ka’uun akka jiru kan itti labsamedha. Guyyaa duuti bakka dhumaa, awwaalaan booda jireenyi aka jiru itti mirkanaa’eedha. Guyyaa namni sababa Addaamiin gara lafaatti darbatame sababa Kiristoosiin gara samiitti ol ba'eedha.
Har’as yeroo Du’aa ka’uu kabajnu,biyyi keenya Itiyoophiyaan qormaata darbu akka qabdu yaadaatiidha. Daandiin keenya dheeraa dha;imalli keenya qormaataan kan guutame ta’uu ni beekna. Ifa akka hin argine kan nu godhan, dukkana guddaa keessatti bannee akka hafnu kiyyoon nu qabee hambisuuf ifaatu hedduu dha.
Gara lafa abdiitti akka hin ceene kan nutaasisan hedduu dha. Garuu du’a booda jireenyi akkuma jiru;awwaalamuu booda ka’uun akkuma jiru; nutis irribicha booda milkaa’inni akka jiru amannee ni carraaqna.
Jala bultii du’aa ka’uu irratti warreen guutummaan amanan,warreen abdii qaban,kanneen abdii kutatan,odeessitoonni,abdii kutachiiftonni,shakkitoonni turaniiru.
Warreen amanan qorumsichi akka darbu ni beeku turani. Yeroo fannoo dhiphinni,du’aa ka’uunis dhugaa ta’uu ni amanu turani.
Qadaanni dhagaa awwaalchaa fi eegdonni awwaalaa du’aa ka’uu akka hin hambifne ni beeku turani.
Ololli sobaa umuriin isaa gabaabduu ta’uu ishee ni beeku. Dhugummaasaa waan beekaniifis wareegama kaffaluuf qophii turani. Dhugaa raga bahuuf kutannoo qabu turani. Fannoo jalatti argamuuf hin sodaanne.
Tattaaffiin keenya karaa hiyyummaa keessaa ba'uu, obsi keenyas karaa dimokiraasii ta'uu amanuudhaan, du'aa ka'uu Itoophiyaatiif garaa guutuu haa carraaqnu!
Irra Deebiin ayyaana Du’aa ka’uu gaarii isiniif haa ta’u.
Itiyoophiyaan ijoolleesheen kabajamtee barabaraan haa jiraattu!
Uumaan Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!
Eebila 03/2018