Kantiibaa Adaanechi Abeebeen harka qalleeyyiif,qaama miidhamtootaaf, biyyaaf oolmaa kan oolanii fi kaafamtoota misoomaaf mana jireenyaa kennani - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanechi Abeebeen harka qalleeyyiif,qaama miidhamtootaaf, biyyaaf oolmaa kan oolanii fi kaafamtoota misoomaaf mana jireenyaa kennani
Eebila 03/2018 Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen jala bultii ayyaana Faasikaa sababeeffachuun harka qalleeyyii, qaama miidhamtootaa fi namoota biyyaaf olmaa guddaa oolaniif manneen jireenyaa 215 dabarsanii kennan.
Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin "Akkuma yeroo ayyaanotaa hunda gochaa turre, har’a jala bultii ayyaana Faasikaa irratti kutaalee magaalaa adda addaa keessatti tola ooltota qindeessuun manneen jireenyaa ammayyaa 215 ijaarsifne, harka qalleeyyiif, qaama miidhamtootaaf, lammiilee biyyaaf oolmaa qabanii fi namoota misoomaaf ka’aniif meeshaalee manaa guutuu fi kennaa ayyaanaa waliin arjoomneerra" jedhan.
Finfinneetti hojiin tola ooltummaa yeroo irraa gara yerootti guddachaa fi aadaa ta’aa dhufuun isaa kan nama gammachiisudha jedhaniiru.
"Tola ooltota onnee arjaa, dhaabbilee fi hoggantoota gocha kana bifa adda addaan deggartan hundaaf, keessumaa Baankii Oromiyaa deggersa birrii miiliyoona 80 ol ta’u taasiseef maqaa fayyadamtootaatiin galata onneerraa madde nan dhiyeessa" jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebeen.
"Ayyaanni Faasikaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos ilmaan namootaa hundaaf jaalalaan of kennee fannifamee, missiraachoo du'aa ka’uun kan itti lallabameedha. Kanaafuu, ayyaanicha yommuu kabajnu kaayyoo fi fakkeenyummaa du'aa ka’uu hordofuun jaalala guddaa fi waliif yaaduun ta’uu qaba" jedhaniiru.
Ayyaanni kun lammiilee deggarsa barbaadaniif waliif yaaduu gochaan kan itti agarsiisnu, akkasumas hundaaf madda gammachuu, nageenyaa fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru.