Ayyaana kana waloomaa fi waliif yaaduun dabarsuuf qophoofneerra – Hordoftoota amantaa Kiristaanaa magaalaa Jimmaa - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana kana waloomaa fi waliif yaaduun dabarsuuf qophoofneerra – Hordoftoota amantaa Kiristaanaa magaalaa Jimmaa
Eebila 3/2018 (ENA) : Hordoftoonni amantaa kiristaanaa magaalaa Jimmaa ayyaana kana waloomaa fi waliif yaaduun dabarsuudhaaf qophii ta’uu himan.
Jiraataan magaalaa Jimmaa Andu’aalem Alamaayyoo, namoota rakkatan gargaaruun, nyaachisuun, maanguddoota kunuunsuun ayyaana kana akka dabarsu dubbateera.
"Uffata kennuufi waan nyaannu waliif qooduun galata ummata keenyaaf qabnu agarsiisuu qabna" jedhe dargaggeessi kun; akkasumas namoota biroo gamachiisuu qabna jedheera.
Jiraattuun magaalichaa biraa Haannaa Tsaggaayee, waggaa waggaan ayyaana Faasikaa dhaabbilee tola ooltummaa dhaquun gargaaruun akka dabarsitu dubbatteetti.
"Ayyaanni kun kan guutuu ta'u yeroo warra rakkatan yaadnee isaan cinaa dhaabbannudha," jetti Haannaan; Bara kanas dhaabbilee tola ooltummaa "Uummata gara Namootaattii" fi "Maqadooniyaa" magaalattii keessa jiran dhaquun gargaaruun ayyaanichaaf qophaa'uu ishee dubbatteetti.
"Ayyaana kana waloomaa fi walgargaaruun malee kabajuun anaaf hiika hin qabu," jedha jiraataan magaalattii dargaggoo Yihunee Getaachoo.
Jimmaan ayyaana kana gamtaadhaan kabajuudhaan beekamti; haaluma kanaan ayyaanicha waliin kabajna jedhaniiru.
Waldaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti Angafa Phaaphaasii Jimmaa fi Mana Lubummaa Gondar Kaabaa Qulqullummaa isaanii Abuna Isxifaanos "fakkeenya Kiristoos hordofnee warra dadhaboo gargaaruu qabna" jedhan.
"Kiristoos hiyyeessas ta'e sooressaa osoo adda hin baasiin ilma namaa hundaaf dhiiga isaa dhangalaase" jedhan Angafni Phaaphaasichi. "Kana ilaalcha keessa galchuun waan qabnu qooduudhaan fakkeenya isaa hordofuu qabna" jedhaniiru.