Meeshaalee Ayyaana Faasikaatiif ta’an gatii madaalawaa fi baay'inaan argachaa jirra - ENA Afaan Oromoo
Meeshaalee Ayyaana Faasikaatiif ta’an gatii madaalawaa fi baay'inaan argachaa jirra
Eebila 3/2018 (ENA) : Fayyadamtoonni ENA’n dubbise, meeshaalee ayyaana Faasikaatiif ta’an gatii madaalawaa fi baay’inaan argachaa jirra jedhan jiraattonni magaalaa Finfinnee.
Baazaaroonni daldalaa magaalaa guddoo biyyattiitti ayyaana Faasikaatiif qophaa’an oomishaalee qonnaa fi industirii bal’aa fayyadamtootaaf dhiyeessaniiru.
Keessumaa hanqaaquu, dhadhaa, Zayita, mi'eessituuwwan adda addaa fi uffanni aadaa baay'inaan dhiyaachaa jiru.
Jiraattonni dhiyeessii oomishaa ilaalchisee ENA waliin turtii taasisan akka himanitti, Meeshaalee ayyaanaa barbaachisoo ta’an baay’ina gahaa ta’een argachuu danda’aniiru. Gatiin isaas fedhii ayyaanichaan walqabatee jiruun madaalawaa ta’uu dubbatani.
Fayyadamtoota keessaa obbo Isheetuu Tashoomaa, oomishaalee ayyaana kanaaf barbaachisan gatii madaalawaadhaan bazaarota adda addaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti dhaabbatan irratti argachuu dubbataniiru.
Obbo Tsaggaaye Damissee gama isaaniin akka jedhanitti, meeshaalee isaan barbaachisan bakka tokkottii fi gatii madaalawaadhaan agarsiisaa fi baazaariitti bitachuu akka danda’an himaniiru.
Obbo Abrahaam Boggalee akka jedhanittis taanaan, omishaalee ayyaanichaaf barbaachisan kallattiin oomishtoota irraa argachuu danda’aniiru.
Daldaltuun uffata aadaa baazaariitti dhiheessitu aadde Tirsiit Abbabaa akka jedhanitti, gatii suuqii idilee keessatti gurguraniin wal bira qabamee yoo ilaalamu oomisha isheef gatii hir’ifameen akka dhiyeessan, ummanni filannoo gatii dhiyaate fayyadamuun bitaa akka jiru eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuun oomisha dammaa fidanii kan dhiyyeessan obbo Abrahaam Mollaan gatii madaalawaadhaan gabaaf dhiyeessuun fayyadamaan dhiyeessichaan gammadee bitachaa jiraachuu himani.
Daldalaan oomishaalee gogaa gabaaf dhiyeesse obbo Fayizaa Haayiruu akka jedhanitti, fayyadamaan ayyaanichaaf meeshaalee kana akka kennaatti waan fayyadamuuf bitaa jira jedhani.