Ijaararsi pirojektii deebisanii misoomsuu ”Daar Harar” dallaa Jeggool keessatti ijaarramu jalqabamuufi - ENA Afaan Oromoo
Ijaararsi pirojektii deebisanii misoomsuu ”Daar Harar” dallaa Jeggool keessatti ijaarramu jalqabamuufi
Eebila 2/2018(ENA):-Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Hararii dhimmoota pirojektii deebisanii misoomaa ''Daar Harar'' Gola Hambaa Addunyaa Jeggool keessatti ijaarramu hatattamaan gara hojiitti galchuu dandeessisan irratti mari’ateera.
Piroojektichi Jeggool Qabeenyaa Hambaa Addunyaa ta’e kan galmaa’e jiraattotaa fi dawwattootaaf caalaatti mijattuu akka taa’u gochuuf kan gargaaru ta’uunsaa ibsameera.
Maricharratti, pirojektiin deebisanii misoomsuu ''Daar Harar'' seenaa fi qabiyyee Jeggool boonsituu biyyaa taatte waliin akka wal-simuun fi ogummaa Ijaararsa Aadaa Jeggool hordofee akka raawwatamu Biiroon Kominiikeeshinii Naannichaa Beeksiseera.
Pirojektiin deebisanii misoomsuu ''Daar Harar'' ijaarramu kun jireenya jiraattota fooyyessuuf kan gargaaru ta'uun isaa eerameera.
Piroojektichi fayyadamummaa uummataa dabaluu bira darbee, hojiiwwan olka'iinsa Harar mirkaneessuuf hojjetaman keessatti shoora guddaa akka qabu ibsameera.
Pirojekticha keessattis bakka boqonnaa Tuuristootaa tajaajila ammayyaa kennan, qabiyyee seenaa isaanii kan eeggatani ijaarramu jedhameera.
Akka Odeeffannoon biirichaa muli'usutti, pirojektiin kun yeroo xumuramu Harariin Baha Afrikaatti bakka tursiisaa jalqabaa Hambaa Tuurizimii taasisuu keessatti shoora olaanaa akka qabaatu ibsameera.