Itoophiyaan Fakkeenyummaa Ardii Injifannoo Adwaarratti mul’iste har’a misooman dabalaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan Fakkeenyummaa Ardii Injifannoo Adwaarratti mul’iste har’a misooman dabalaa jirti
Eebila 2/2018(ENA):-Itoophiyaan fakkeenyummaa ardii irratti injifannoo Adwaatiin agarsiifte har'as misoomaan irra deebi'aa jirti jechuun Afrikaanonni Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa dawwatan ibsan.
Itoophiyaan biyya madda seenaa gootummaa ta'uu ishee eeruun, Yaadannoon Injifannoo Adwaa kan Itoophiyaa qofa osoo hin taane, Seenaa boonsaa Afrikaanotaa fi saba gurraacha maraa ta'uu Eeraniiru.
Hirmaattonni Yaa'ii Dandamannaa Sodaa Balaa Afrikaa 16ffaa Itoophiyaan qopheessite,irratti argaman, Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa galmee seenaa gootummaa Itoophiyaa fi Afrikaanotaa kan ta'e dawwataniiru.
Dawwannaa isaaniitiin Hambaalee Seenaa Ragaa Injifannoo ta'anii fi Ashaaraa gootummaa kan daawwatan yoo ta'u,yaadannoon injifannichaa biyya irra darbee Afrikaadhaaf barnoota guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru.
Injifannoon Adwaa hiyyummaa mo'uu fi badhaadhina Afrikaatiif waliin hojjechuuf kaka'umsa guddaa kan uumu ta'uus dubbataniiru.
Dawwattoota keessaa Lammiin Jibuutii kana ta’e Iisaam Abdulhaakiim yaada kennaniin; Itoophiyaan madda seenaa gootummaa ta'uu ishee seenaawwan Golambaa keessatti argerraa hubadheera jedhan.
Injifannoon Adwaa Itoophiyaanonni yoo tokkooman qormaata kamiyyuu dura dhaabbachuu akka danda'an kan mirkaneesse ta'uu dubbataniiru.
Kunis Afrikaanota hundaaf barnoota abdii kutachuu dhiisuu kan kennudha jedhaniiru.
Zambiyaa irraa kan dhufan Masiichiluun gamasaaniitiin; Yaadannoon Injifannoo Adwaa injifannoo waraanaa qofa kan yaadatu osoo hin taane, bara kana keessa misoomaaf carraaquu kan barsiisuu fi onnee kan namatti horudha jedhaniiru.
Afrikaanonni seenaa Adwaa irraa barannee yoo tokkoomne, akkuma waraanaa sana hiyyummaas mo'uu ni dandeenya jedhan.
Miidhaginaa fi guddina Finfinnee keessatti arganis Itoophiyaan fakkeenyummaa Afrikaadhaaf qabdu gochaan agarsiisuu ishee ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun lammiin Sudaan Ismaa'eel Alii Adwaan dandeettii geggeessummaa sirrii fi kutannoon uummataa kan itti mul'atedha jedhan.
Itoophiyaan gootummaa ishee duriitiin qofa osoo hin taane, har'as milkaa'ina misoomaa galmeessisaa jirtuun fakkeenya Afrikaa ta'uu itti fufteetti jedhaniiru