Ayyaanni yaadannoo Fannifamuu Yesuus Kiristoos hordoftoota Amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni yaadannoo Fannifamuu Yesuus Kiristoos hordoftoota Amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti kabajamaa jira
Eebila 2/2018(ENA):- Ayyaanni Fannifamuu Yesuus Kiristoos hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti Bataskaanotaa keessattii fi bakkeewwan adda addaatti kabajamaa jira.
Sagantichirratti Kaateediraala Qulqulluu Sillaasee Manbara Tsaba'oot Finfinneetti,Qulqulluu Paatiriyaarikii Abuuna Maatiyaas, Abbootiin Amantaa, Lubaawwan fi amantoonni bakka argamanitti Sirna Amantichaa garaa garaan yaadatamaa jira.
Ayyaanichi Gidiraa, Reebichaa fi Fannifamuu Yesuus Kiristoos Fayyina ilmaan namootaatiif jecha kaffale yaadaa, kadhannaa fi Sirnoota Amantaa birootiin kabajamaa jira.
Yesuus Kiristoos Fannifamuusaan Ilmaan namootaaf Jaalala guutuu, gad-of-deebisuu fi dhiifama barsiiseera.