Ajandaa dhalootaa kan ta’e Gaffii hulaa Galaanaa Milkeessuuf dargaggoonni beekumsaa fi gahumsaan hirmaachuu qabu – Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Ajandaa dhalootaa kan ta’e Gaffii hulaa Galaanaa Milkeessuuf dargaggoonni beekumsaa fi gahumsaan hirmaachuu qabu – Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa
Eebila 2/2018(ENA): Faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi gaffii abbummaa hulaa Galaanaa dhimma dhalootaa ta’e milkeessuuf dargaggoonni beekumsaa fi dandeettiin hirmaachuu akka qaban Federeeshiniin Dargaggoota Itiyoophiyaa ibse.
Guddina dinagdee Itiyoophiyaa saffisaa jiru itti fufiinsa akka qabaatu gochuu fi fedhii misoomaa ummataa dabalaa dhufe guutuuf, hulaa galaanaa amansiisaa ta’e argachuun dhimma filannoo hin qabnedha.
Mootummaan Itiyoophiya Galma biyyaalessaa kana milkeessuufis, abbummaa ulaa galaanaa ta’uuf kan dandeessisan hojiiwwan dippiloomaasii bu’a qabeessa ta’an bal’inaan hojjechaa jira.
Itti Gaafatamaan Hariiroo Uummataa Idil-Addunyaa Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Alaksaandar Nugusee ENA’f akka ibsanitti,hulaa Galaanaa qabaachuun guddina Dinagdee fi Hawaasummaa Itiyoophiyaatiif murteessaadha jedhani.
Ambaasaaddar Alaksaandar, carraaqqii Dippiloomaasii Mootummaan hulaa Galaanaa ilaalchisee taasisu akka milkaa’uuf Federeeshinichi shoora isaa taphachaa akka jiru himaniiru.
Hojiiwwan hubannoo dargaggootaa cimsuun hojjetamaa jiraachuu eeranii, dhimma Faayidaa Biyyaalessaa itti fufiinsaan milkeessuuf dhaloonni itti gaafatamummaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi gaaffii abbummaa hulaa galaanaa galmaan gahuuf dargaggoonni beekumsaa fi dammaqinaan hirmaachuu akka qaban ibsaniiru.
Dargaggoonni dhimma kana irratti yaada isaanii kennan gama isaaniitiin, gaaffiin hulaa galaanaa dhimma dhalootaa ta’uu ibsaniiru.
Dargaggoo Abenezer Ermiyaas gaaffiin hulaa Galaanaa keenya sadarkaa Idil-Addunyaatti fudhatama argachaa jiraachuu eeruun, dargaggoota dhiibbaa uumuu danda’an fayyadamuun dhimma kana Addunyaaf caalaatti hubachiisuu qabna jedheera.
Dargaggoonni miidiyaa hawaasummaa irratti viidiyoowwan gaggabaaboo fi ragaalee seenaa fayyadamuun, gaaffii hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gama seeraa, seenaa fi uumamaatiin sirrii ta’uu isaa beeksisuun murteessaa ta’uu ibseera.
Haaluma walfakkaatuun, shamarran Ruut Shawaanqixawuu fi Feeven Fiqaaduu dhimmi hulaa Galaanaa kan mootummaa qofa osoo hin taane kan lammii hundaati jedhaniiru.
Dargaggoonni yaada isaanii ibsuu fi mootummaa deeggaruun shoora adda durummaasaanii taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.