Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa'an gargaaruu fi rakkoolee mariidhaan hiikuuf ga'ee keenya ni baana - Jiraattota Dirree Dhawaa

Eebila 2/2018 (ENA): Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa’an gargaaruu fi rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA waliin turti taasisan.

Pirojektoonni misoomaa kallattii hedduun waggoota jijjiiramaa keessa Dirree Dhawaatti hojjetaman, bu’aa qabatamaa akka argamsiisan karaa hedduudhaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhani.

Ummanni Dirree Dhawaa hojiiwwan misoomaa bara mootummaa jijjiiramaa waliin dhufe deegaruun hiriira bahuun agarsiiseera.

Pirojektoonni misoomaa murteessoo ta’an egeree Itiyoophiyaa murteessan hojjetamaa akka jiran ibsuun, isaan xumuruuf tumsi, deeggarsaafi gargaarsi hundaa akka barbaachisu ibsaniiru.

Kanaaf pirojektoonni misoomaa jijjirama kanaan eegalaman akka milkaa’anii fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA’n waliin turtii taasisan.


 

Namoota yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Afran Qalloo kan ta’an Abdurrazaaq Ahimadii fi hogganaa aadaa hawaasa Somaalee Haajii Abdoo Umar Isaa, Itiyoophiyaa keessa rakkoolee kanaan dura turan hedduun akka jiran eeruun,rakkoolee kanneenimmoo waaraan furuuf mariin barbaachisaa ta’uu himani.

Adeemsi marii biyyoolessaa akka milkaa’uuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.


 

Yaada kennitoonni biroo, obbo Akiliilee Taaxaq fi obbo Abdoo Muummee, bu’aawwan jijjiramichaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf tokkummaa biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Rakkoolee biyyoolessaa jaarraa hedduuf turan turan mariidhaan hiikuun biyya dhalootaaf mijattu ijaaruun ni danda’ama jedhu irratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojjachaa akka jiru beekamaadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015