Tamsaasa Kallatti:

Gambeellatti Ayyaana Faasikaaf meeshaaleen nyaataa fi beeyladoonni Gabaaf dhiyaataniiru

Eebila 1/2018(ENA): Naannoo Gambeeellatti Ayyaana Faasikaatiif meeshaaleen nyaataa fi beeyladoonni Gabaaf dhiyaachuusaanii Biiroon Daldalaa fi Industirii Naannichaa ibse.


Biirichi Ayyaana Faasikaa Sababeeffachuun daldaltoota gatii hin malle dabalan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuus beeksiseera.

Hogganaan biirichaa obbo Koongi Uulaangi ENAtti akka himanitti, Ayyaana Faasikaatiif meeshaaleen nyaataa barbaachisoo ta’anii fi beeyladoonni ga’aan Gabaaf akka dhihaatan qophiin barbaachisaan taasifamaa tureera jedhaniiru.

Kanaafis omishaaleen ayyaanaaf barbaachisan ga’aan dhihaachuusaanii ibsaniiru.



 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015