Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin dhimma hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuu kan qabuu fi seera qabeessa dha – Miseensa mana Maree Awurooppaa Tiyaarii Maariyaanii

Eebila 1/2018 (ENA): Gaaffiin dhimma hulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuu kan qabuu fi seera qabeessa dha jedhani Miseensa Mana Maree Awurooppaa kan ta’an Tiyaarii Maariyaanii.

Marii Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden waggaa 4ffaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa irratti kan argaman Tiyaarii Maariyaanii Turtii ENA Waliin taasisaniin, Dhimmi gaaffii hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma deebii argachuu qabuu fi seera qabeessa dha jedhani.

Daandiiwwan galaanaa dhiphoo ta’an kanneen akka Bab el-Mandab cufamuun isaanii dhiyeessii boba’aa fi xaa’oo Awurooppaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira jedhan.

Itiyoophiyaan naannoo tarsiimawaa kana keessatti kan argamtu biyya furtuu ta’uu hubachiisaniiru.

Konveenshiniin Seera Galaanaa biyyi hundi daangaa galaanaa qabaachuu akka qabdu ifatti kaa’uu isaas hubachiisaniiru.

Tiyaarii Mariyaanii akka ibsanitti, Awurooppaan nagaa waaraa naannichaaf fedhii cimaa akka qabdu eeruun, Itiyoophiyaan buufata galaanaa qabaachuun akka qabdu sababa hedduutu jiru jedhani.

Kunis Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane tasgabbii naannichaa fi nageenya daandiiwwan daldala idil-addunyaatiif bu’aa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Biyyoota Afrikaa keessatti biyya uummata  hedduu qaban keessaa tokko kan taatee fi teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Itiyoophiyaan, buufata galaanaa malee taa’uun sirrii miti jedhaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015