Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwateera

Eebila 1/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwachuusaa Bulchaan Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii ibsan.

Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti Kaadhimamtootasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Naannootiif dorgoman beeksisuu fi duula na filadhaa Magaalaa Hararitti gaggeesseera.

Sagantaa kana irratti Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii dabalatee,hoggantoonni olaanoon paartichaa,miseensonni, deeggartoonnii fi Hawaasni Naannichaa argamaniiru.


 

Bulchaan Naannichaa wayita sana ergaa dabarsaniin, kallattiin misoomaa fi guddina Itiyoophiyaa bu’uura sirrii kan qabatee fi bu’aawwan gama maraa kan galmaa’an cimanii hojjechuu fi kutannoo Paartii Badhaadhinaatiin ta’uu kaasaniiru.

Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan raawwatamuu ibsaniiru.

Waggoottan jijjiiramaa keessatti gaggeessummaa paartichaan baadiyyaa fi magaalota keessatti hojiiwwan misoomaa gama maraa hojjetamuusaa ibsaniiru.

Hojiiwwan deebisanii misoomsuu Jagoolii fi hojiiwwan misooma kooriidarii magaalaa Harar dabalatee, hojiiwwan qabatamaan faayidaa Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee raawwatamuu isaanii kaasaniiru.

Kanaafuu, Misoomaaf, Ijaarsa Dimookraasiif, fayyadamummaa guutuu lammiilee fi guddina biyyaatiif Badhaadhina filachuun murtoo sirrii ta’uu ibsaniiru.


 

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu’uura Misooma, Nageenyaa fi Dimookiraasii biyyaa ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, tarkaanfiiwwan gaarii eegalaman kana itti fufsiisuuf Paartichi dandeettii guutuu kan horate ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015