Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiise - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiise
Eebila 1/2018 (ENA): Itiyoo Teeleekoom sirna kaffaltii dijitaalaa saffisaa “Toloo” jedhamu Teeleebirriin eegalchiisuu ibse.
Sirni kaffaltii dijitaalaa kun buufata kaffaltii guddicha Tuulluu Diimtuutti hoji gaggeessituu Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruu fi hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii daandiiwwan Itiyoophiyaa Musxafaa Abbaasimal eegalchiisaniiru.
Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwot Taammiruun akka jedhanitti; dhaabbatichi tajaajiloota adda addaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan hojiirra oolchaa jira.
Itiyoo-Telekoom tajaajila telekoomii idilee irra darbee tajaajila gahumsa qabu, mijataa fi baasii xiqqaa ta’e kennuudhaan damee faayinaansii deeggaraa akka jirus ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan Intarpiraayizii Kaffaltii Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Musxafaa Abbaasimal gama isaaniitiin, kanaan dura sirni kaffaltii waraqaa irratti hundaa’e hojiirra oolaa akka ture ibsaniiru.
Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kenniinsa tajaajilaa teeknooloojiin deeggaruun barbaachisaa ta’uu eeruun, imalli tajaajila kana dijiitaala gochuu har'a eegaluu beeksisaniiru.
Softiweeriin sirna kaffaltii “Toloo” jedhamu akka hojjetame eeruun, kunis sirna kaffaltii ammayyaa ta'uu isaa Itiyoo-Telekoom waliin ta'uun “Tele Birr” waliin walqabsiisuun akka ta'u beeksisaniiru.
Dhaabbileen lamaan gara fuulduraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena