Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota kanwalitti qabee fi Ijaarsa Seenessa Waloo itti fufsiisuuf boqonnaa kan saaqedha - ENA Afaan Oromoo
Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota kanwalitti qabee fi Ijaarsa Seenessa Waloo itti fufsiisuuf boqonnaa kan saaqedha
Eebila 1/2018(ENA): Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota hunda kan walitti qabee fi ijaarsa seenessaa waloo ijaaruuf boqonnaa haaraa kan saaqe ta’uu Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseen dubbataniru.
Hiriirri Deeggarsa Uummataa guddaan Milkaa’inaa fi injifannoo kanaan dura argaman itti fufsiisuuf kaayyeffate Magaalaa Samaraatti gaggeeffameera.
Hiriira deeggarsaa Istaadiyeemii Samaraatti qophaa’e kanarratti, hoggantoonni Olaanoo Naannoo Affaar, jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Loogiyaa, hojjettoonni mootummaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa hirmaataniiru.
Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseen Hiriiricha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Bitootessi 24 Itiyoophiyaanota hunda hammachuun ijaarsa seenessa walootiif boqonnaa haaraa kan banedha jedhaniiru.
Waggoota jijjiiramaa kanaan jechi "deeggartoota" jedhu hafee mirgi wal-qixxummaa itti mirkanaa’ee fi tokkummaan dhugaa itti mul’atedha jedhaniiru.
Kanaanis uummanni Affaar dhimma biyyasaa irratti murteessuu fi geggeessuuf carraa kan itti argatedha jedhaniiru.
Dabalataanis, Saboonni, Sab-lammoonnii fi ummattoonni tokkummaa isaanii cimsuun guddina waliiniitiif kan walitti dhufan ta’uu ibsanii, waggoota kanneen keessatti bu’aaleen misoomaa mirkanaa’an galmaa’uu isaanii dubbataniiru.
Naannichatti injifannoowwan gama Hawaasummaa, Dinagdee fi siyaasaa argamaniin fayyadamummaan sadarkaa hundaatti guddachuu isaa eeranii, kunis bu’aa mootummaa "Ida'amuu" ta'uu dubbataniiru.
Akkasumas filannoon waliigalaa 7ffaan dimookiraatawaa fi milkaa’aa akka ta’uuf uummanni hirmaannaasaa akka cimsus gaafataniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Loogiyaa obbo Abduu Musaa gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa karoorawwanii fi hojmaataa haaraa diriirsuun misoomaaf dursa kan kennedha jedhaniru.