Tamsaasa Kallatti:

Pirezidaantiin Burundii Eevaristee Nidayishimiyeen Daawwannaa Hojiitiif Finfinnee galan

Eebila 1/2018(ENA): Pirezidaantiin Burundii fi Walitti-qabaan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Eevaristee Nidayishimiyee daawwannaa hojiitiif Finfinnee galaniiru.

Pirezidaantichi yeroo Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Boolee gaahan Itti-Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa simataniiru.


Itiyoophiyaa fi Burundiin hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa lakkoofsise qabu.

Biyyoonni lameen Komishinii Ministirootaa Waloo hundeessuun dameelee garagaraan tumsa isaanii cimsaa jiru.


Pirezidaantii Burundii fi Walitti-qabaan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Eevaristee Nidayishimiyee turtii Itiyoophiyaa keessatti taasisaniin, hariiroo biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisan dhimmoota adda addaa irratti marii ni taasisu jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015