Tamsaasa Kallatti:

Hiriirri deeggarsa Uummataa guddaan bu’aawwanii fi injifannoowwan biyyaalessaa yaadatamu Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira

Eebila 1/2018(ENA):Hiriirri deeggarsa uummataa guddaan bu’aawwanii fi injifannoowwan waggoota 8’n jijjiirama biyyaalessaa itti yaadatamu Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira.


Hiriira deeggarsaa ganamaa eegalee magaalaa keessatti gaggeeffamaa jiru kanarratti jiraattonni magaalaa fi baadiyyaa Bulchiinsichaa, hojjettoonni, barattoonni, dargaggoonnii fi dubartoonni bal’inaan hirmaachaa jiru.


 

Hiriirri deeggarsaa kun jijjiirama Bitootessa 24 bara 2010 dhufeen booda, waggoota 8’n darban keessatti milkaa’ina gama hundaan biyyaalessatti galmaa’an yaadachuu fi beekamtii kennuuf kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Hirmaattonni hiriirichaas dhaadannoowwan qabataniin kaayyoo kana mirkaneessaniiru.

Hiriiricha irratti ergawwan adda adaa jijiiramichaan bu’a argame deeggaru hiriitonni dabarsaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015