Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Affaar  Magaalaa Samaraa  Loogiyaatti   Hiriirri deeggarsa uummataa  Jijiirama biyyaalessaan Injifannoowwan misoomaa galmaa’aniif beekamtii kennu  gaggeeffamaa jira

 Ebla 1/2018(ENA)- Naannoo Affaar Magaalaa Samara Loogiyaatti  Hiriirri deeggarsa uummataa  jijjiirama biyyaalessaan injifannoowwan misoomaa galmaa’aniif  beekamtii kennu  gaggeeffamaa jira.


 

 Hiriirri deeggarsaa kun, Firiiwwan Jijjiirama biyyaalessaa  Bitootessa 24, bara 2010 itti dhugoome yaadachuun, injifannoowwan misoomaa waggoota saddeettan darban keessatti galmaa’aniif beekamtii kan kennu ta’uun ibsameera.

Hiriira deeggarsaa kana irrattiergaawwan, 'Olka’insi Itiyoophiyaa harka keenya jira', 'Bitootessi Safartuu cichoomaa ti,Tarkaanfii hundee qabuun gara biyya fakkeenya ta’uutti' fi dhaamsawwan biroon hiriirtootaan darbaa jiru.


 

Hiriira deeggarsaa kana irratti Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Afaar fi Hoogganaa Biiroo Bulchiinsa Lafaa Obbo Umar Nuuruu, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Samaraa-Logiyaa Obbo Abduu Musaa dabalatee hoggantoonni hojii Naannoo Afaar Olaanoo fi jiraattonni magaalaa Samaraa-Logiyaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015