Tamsaasa Kallatti:

Konfiraansiin Nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshaangul Gumuuzitti gaggeeffama

Bitootessa 30/2018(ENA) : Konfiraansiin nageenyaa biyyaalessaa 7ffaan Naannoo Beenshangul Gumuuzitti akka adeemsifamu Barreessaan Olaanaan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaa ibsan.

Barreessaan Olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa lubni Taagaay Taaddalaa, konfiraansii nageenyaa biyyaalessaa 7ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsasaaniin konfiraansichi Eebila 7 hanga 8 bara 2018tti akka adeemsifamu eeraniiru.

Konfiransii kanaaratti nageenya waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuu fi dhimmoota biroo irratti mariin paanaalii fi Mariin uummataa qooda fudhattoonni adda addaa irratti hirmaatan akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Marii kanaan alatti, hojiiwwan misoomaa naannichatti hojjetaman daawwachuu, sagantaa dhaabbii biqiltuu fi taateewwan biroo adda addaa akka raawwataman ibsaniiru.

Konfiraansii guyyoota lamaaf turu kanarratti, Abbootii Amantaa kutaalee biyyaa adda addaa irra dhufan, Hoggantoota Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo, Kutaalee Hawaasaa garaagaraa fi keessummoonni waamichi taasifameef akka hirmaatan eeraniru.

Manni Marichaa kanaan dura naannoolee adda addaa keessatti konfiransiiwwan nageenyaa 6 gaggeessuun nageenya waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa taphateera jedhaniiru.

Akkasumas, Abbootiin Amantaa fi jaarsoliin biyyaa waamicha nagaa dabarsuu fi barsiisuun, dhaloota nagaaf dhaabbatu uumuu keessatti shoora olaanaa taphachuusaanii dubbataniiru.

Dhumarrattis, Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf baga nagaan torban dhiphuu fi Fannoo Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015