Ayyaana Faasikaatiif hanqinni oomisha qonnaa akka hin mudanneef hojiileen adda addaa hojjetamaa turaniiru - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana Faasikaatiif hanqinni oomisha qonnaa akka hin mudanneef hojiileen adda addaa hojjetamaa turaniiru
Bitootessa 30/2018 (ENA): Hanqinni oomishaalee qonnaa ayyaana Faasikaatiif barbaachisan akka hin uumamneef magaalaa Hararitti hojiin hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Misooma Daldala Naannichaa beeksise.
Shamattoonnii fi daldaltoonni akka jedhanitti dhiyeessiin oomisha qonnaa ayyaana kanaaf barbaachisu gahaa ta’e dhiyaatera.
Hogganaan Ejensii Misooma Daldalaa Naannoo Hararii obbo Shariif Muummee ENAtti akka himanitti, hanqinni oomishaalee ayyaana kanaaf barbaachisan akka hin uumamneef hawaasa daldalaa hunda waliin mariin gaggeeffameera jedhani.
Dhiyeessii oomishaa haala mijeessuun Oomishaalee godinaalee baadiyyaa naannichaa keessatti oomishaman gara magaalatti fiduudhaan dhiyeessitoota adda addaa waliin walitti dhufeenya uumuun oomisha gara magaalatti fidameera jedhan.
Oomishaalee iizii Bahaatiin oomishaman waldaalee shamattootaaf dhiyeessuun hawaasni gatii madaalawaadhaan akka argatu taasisaa akka jiranis himaniiru.
Gabaa Sanbataa fi Dilbataa magaalattii cimsuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru.
Daldaltoota seeraan ala gatii dabalan hordofuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachuu fi yeroo ammaa kana omishaaleen ayyaana kanaaf barbaachisan gatii madaalawaadhaan gurguramaa akka jiran hubachiisaniiru.
Gabaa aadaa Dilbataa fi Sanbataa magaalattii “Mobil” jedhamutti gurgurtaa kuduraalee irratti kan bobba’an Aadde Baqqalech Nigusee, kuduraalee naannoo sanaa fi iddoowwan biroo irraa fayyadamtootaaf dhiyeessaa akka jiran eeraniiru.
Daldala oomisha qonnaa irratti kan bobba’an obbo Isaayyaas Alamaayyoo gama isaaniin, gabaa ayyaanaa irratti dhiyeessiin oomishaa fooyya’aa ta’uu ibsuun, gatii Waajjirri Daldala Naannichaa kaa’e irratti hundaa’uun gatii madaalawaadhaan fayyadamtootaaf gurguraa akka jiran himaniiru.
Bakka sanatti kuduraalee bitachaa kan turan aadde Haymaanot Yashiixilaan, ayyaana Faasikaa kanaaf kuduraalee, hanqaaquu fi oomishaalee biroo dhiyeessiin akka jiru himaniiru.
Daldaltoota gatii hin malle dabalanirratti tarkaanfiin cimee akka itti fufu eeraniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena