Tamsaasa Kallatti:

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa barakanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru

Bitootessa 30/2018(ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiraachuu Bulchaan Naannoo Benishaangul Gumuuz Ashaadilii Hasan ibsan.

Bulchaan Naannichatti Buufatalee Biqiltuu Aanaa Uraatti argamuun qophii biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif taasifamaa jiru irra deemanii daawataniiru.


 

Daawwannaa isaanii booda haasaa taasisaniin, naannichaattis ta’e akka biyyaatti sagantichi cimee itti fufuu isaa ibsaniiru.

Hojiin misoomaa kun baranas xiyyeeffannoon addaa kennameefii biqiltuuwwan gahaan naannichatti qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru.


 

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa garaagaraa qaban qophaa’aa jiraachuu daawwannaa keenyaan mirkaneessineerra jedhaniiru.

Dabalataanis, biqiltuuwwan kanaan dura dhaabaman sadarkaa irra jiranii fi hojiiwwan Misooma Eegumsa Naannoo Aanichatti hojjetamaa jiran bulchaan kun daawataniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015